Sudaanitti balaa lolaan lubbuun namoota 65 darbe

Finfinnee, Hagayya 10, 2012 (FBC) – Sudaanitti robaa cimaa fi balaa lolaa qaqqabeen lubbuun namoota 65 yoo darbu, manneen kumni 14 ol ammo barbada’uu mootummaan biyyatti beeksise.

Ministeerri dhimma biyyaa keessa Sudaan guyyaa kaleessa ibsa baaseen biyyattitti iddoowwan adda addaa balaa lolaan miidhamu beeksiseera.

Ministeerichi ibsa baaseen balichaan hanga ammatti lubbuun namoota 65 yoo darbu, manneen kumni 14 ol ammoo barbada’uu beeksiseera.

Dabalataniis manneen kuma 30 fi 400 irra miidhaa qaqqabsiseera.

Maddi፦ Aljazeera.com

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment