Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Sudaanitti balaa lolaa laga Naayiliin lubbuun namoota 86 darbuu fi manneen jireenyaa kumni 18 ola manca’uu ibsame.
Biyyattitti sababa lolaa waktii gannaa ummameen hanga Kibxata darbeetti lubbuun namoota 86 darbuu fi manneen kumni 18 ol magaalaa Kaartuumitti manca’uu Ministeerri dhimma biyya keessaa Sudaan beeksise.
Jiraattonni magaalaa Kaartum balaa lolaa akka bara kanaa arginee hin beeknu jedhan.
Hangi Bishaanii laga Abbaayyaa haalaan dabaluun isaa Lolaan kanaaf sababa ta’eera jedhame.
Guutinsi bishaanii Hidha Haaromsaa eegalamuun isaa miidhaa balaa lolaan qaqqabu hir’isuu akka danda’u abdiin jiraachuu , Ministirri Ministeera Jallisii Sudaan Yaasiir Abbaas dubbataniiru.
Bara kana hangi bishaanii laga Naayil guddu galeessan meetira 17.3 ga’eera jedhan.
Kun ammoo erga bara Faranjootaa 1912 as isa olaanaa ta’uu eeraniiru.
Oduu walfakkaatuun magaalaa Guddoo Niijeer Nayaamiitti bala lolaa ummameen lubbuun namoota 45 yoo darbu, namoonni walakkaa miilioyoonaa ta’an qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniiru.
Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.