Sudaaniitti hidhi cabuun balaa lolaa mudateen namoonni 60 du’uun gabaafame

Finfinnee, Hagayya 20, 2016 (FBC) – Sudaan bulchiinsa Galaana Diimaatti hidhaan ‘Arbaat Dam’ jedhamu cabuun balaa lolaa mudateen namoonni 60 du’uu gabaafameera.

Lakkoofsi namoota du’anii dabaluu akka danda’u eerameera.

Jiraattoon kumaatamaan lakkawwaman ammoo qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uutu ibsame.

Biyyattiin wal waraansa waggaa tokkoofi wallakkaaf erga gaaga’amteen booda, amma ammoo rooba cimaa fi lolaa hamaan dararamaa jiraachuu eerameera.

Jiguun hidha ‘Arbaat Dam’ lafa qonnaa fi gandoota gara gadiitti argaman barbadeessuu ibsameera.

Taateewwan qilleensaa hamaa kunis hanqina nyaataa biyyattii mudate caalmaatti hammeessuu akka malu ‘BBC, Bloombarg fi CGTN Africa’ n gabaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment