Sudaan yakkoota naannoo Daafuritti raawwataman qorachuu eegalte

Finfinnee, Muddee 13, 2012 (FBC) – Sudaan yakkoota naannoo Daafuritti raawwataman qorachuu eegaluuf akka jettu abbaan alangaa biyyatti hime.

Bara bulchiinsa preezdantii duraanii Sudaan Omaar al-Bashiir yakkoota naannoo Daafuritti raawwataman qorachuu eegaluu abbaan alangaa biyyatti hime.

Tagelsiir al-Habeer dhaddacha himannaa kunis biyya biraatti raawwatamu akka danda’an himaniiru.

Waggoota kudhan dura Manni Murtii Yakkoota Idila Addunyaa Bashiir himannaa duguggaa sanyii, yakkaa waraanaa fi yakka sarbama namoomaa dalageera jechuun akka hidhamuuf ajaja itti baasee ture.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti, lolli mormitootaaf deeggartoota mootummaa gidduutti bara Faranjoota 2003 eegale lubbuu namoota 300,000 galaafate.

Waggoota 30’n darban aangoorra erga turanii booda mormii itti jabaateen Bashiir aangoorraa buufaman.

Biyyattin amma mootummaa ce’umsaa hundeeffatte kananiis loltootaaf miseensota hiriira mormii keessa turaniirraa walitti bahanitu bulchaa jira.

Maddi:- BBC

Comments (0)
Add Comment