Sudaan sababa lolaaf balaa qaqqabeen labsii yeroo ariifachisaa baatiiwwan 3f labsite

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC)- Manni Maree Nageenyaa fi Ittisaa Sudaan biyyattitti balaa lolaa qaqqabee sababeeffachuun labsii yeroo ariifachiisa baatiwwan 3f labsuu beeksiseera.

Sudaanitti bara kana sababa lolaatin lubbuun namoota 99 darbeera.

Akkasumas namoonni 46 yoo miidhaman, mannii kumni 100 ol barbada’eera.

Ministeerri bishaanii fi jalliisii bara kana ammantaan bishaan Abbaay meetira 17.5 ol ka’uu dubbateera.

Wayita amma kanaas biyyattitti ammantaan bishaanii dabalaa waan jiruuf dhiibbaa hamaa qaqqabsisuun yaaddoo umeera jedhame.

Maddi:-CTGN

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment