Sudaan rakkoo keessoo ishee giddu seentummaa alaa tokko malee furachuu qabdi – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Muddee 25, 2014 (FBC) – Sudaan rakkoo keessoo ishee giddu seentummaa alaa tokko malee ofiin furachuu akka qabdu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI ibse.
Sudaanitti waldhabdee siyaasaa uumameen tasgabbii fi nageenyi hammachaa dhufuu hordofee Muummeen Ministiraa Biyyattii Abdallaa Amdook aangoo gadhiisaniiru.
Abdallaa Amdook walakkaa baatii Onkololeessaa eegalee hoggantoota olaanaa waraanaa biyyattiin uggura jala turuun kan yaadatamuudha.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin, Ityoophiyaan dhimma Sudaan itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu ibsaniiru.
Sudaanoonni rakkoo keessoo isaanii giddu seentummaa alaa tokko malee karaan nagaan furachuu akka qaban Ityoophiyaan ni amanti jedhan.
Rakkoon Sudaan yeroo ammaa muudate karaa fedhii ummata biyyattii eegeen furamuu akka qabuu fi giddu seentummaa alaa cimsanii mormuu akka qaban ibsaniiru.
Ityoophiyaan yeroo hunda nagaa fi tasgabbii Sudaan barbaaddi jedhan Ambaasaaddar Diinaan.
Waldhabdeen daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan mariin akka furamu Ityoophiyaan irra deddeebiin ibsaa turuu eeruun, ammas ejjennoon Ityoophiyaa sanumaan itti fufa jedhan.
Ummanni Sudaanii fi Ityoophiyaa tokko, daangaan siyaasaa namtocheedha, nuti haleellaa nurratti raawwatuuf deebii laachuu hin barbaannu jedhan Ministeer Deetaan Ministeera Dhimmaa Alaa FDRI Reedwaan Huseen turtii miidiyaa Turkii Anaadoolii waliin taasiisaniin.
Ammas biyyoota lamaani walitti buusuuf tattaaffii taasiifamuuf deebii hin laannu, sababni mootummaa ce’umsaa biyyattii duuba taa’uun walitti nu buusuuf qaamolee shira xaxaa jiran waan beeknuuf jedhan Ambaasaaddar Reedwaan Huseen turtii isaaniin.
Bara Faranjootaa 2019 eegalee erga Preezdaantiin Sudaan duraanii Oomar Hasan Albashir aangorraa ka’aan booda rakkoo siyaasaa biyyattii muudhate furuuf Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad mootummaa ce’umsaa biyyattii hundeessuuf ga’ee olaanaa ba’uu isaanii ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment