Finfinnee, Eebila 26, 2013 (FBC)- Mootummaan Sudaan naannoo Beenishaanguul Gumuuz anaaf malaa kan jedhe Ministeerri Dhimma Alaa fudhatama dhabsiiseera.
Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Diinaa Muftiin haala waqtaawaarratti ibsa laataniiru.
Sudaan kana dura gara daangaa Ityoophiyaa galuun ishee osoo hin xiqqaatin amma immoo bakka hidhi haaromsaa guddichii Ityoophiyaa itti ijaaramaa jiru naannoon Beenishaanguul Gumuuz anaaf malaa jechuun ishee fudhatamaa kan hin qabne ta’uusa ambaasaaddarichi ibsaniiru.
Marii biyyoota sadeenii ilaalchisee Ityoophiyaan ejjeennooshee akka cimsitee ibsaniiru.
Torbe darbee ambaasaaddaroota Eeshiyaa teessoo isaanii Finfinnee taasisaniif dhimmoota daangaa Ityoo-Sudaan, hidha haaromsaa gudichaa fi deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayitti taasifama jirurratti ibsa taasisaniiru.
Gama diinagdee fi dippiloomaasitiinis hojiiwwan adda addaa hojjetamaniiru jedhan.
Filannoon marsaa 6ffaa ilaalchisee seeraa filannoo biyyatti hordoofee akka gaggeeffamuuf hojjetamaa jiraachuu ambaasaaddar Diinaan himaniiru.
Misikkiir Sinaafqitu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.