Finfinnee, Eebila 13, 2013 (FBC) – Tumsi Siyaasaa Ityoophiyaa fi Aljeeriyaa haaluma duraan cimee kan itti fufu ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoon ibsan.
obbo Taaggasee Caafoon Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Aljeeriyaa Miisteer Raachaad Biiloonsan waajjira isaanitti simachuun dubbisaniiru.
Biyyoonni lamaan michummaa seenaa qabeessa bara dheeraa qabaachuu ibsuun, hariiroon tumsa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa cimee itti fufa jedhan.
Hariiroo daldalaa biyyoota lameenii caalmaatti cimsuuf Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Finfinnee gara Aljeers balallii akka taasiisu waliigalteera ga’aniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Aljeeriyaa Miisteer Raachaad Biiloonsan gama isaaniin hariiroo tumsa Siyaasaa fi diinagdee biyyoota lamaanii cimsuuf Aljeeriyaan fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Oduu walfakkaatuun hariiroo dippiloomaasii Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa caalmatti cimsuuf mariin taasiifameera.
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti walitti qabaan Koree hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa Dooktar Nagarii Leencoon Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Sudaan Kibbaa waliin dhimmoota hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii cimsuu danda’anirratti mari’ataniiru.
Hariiroo gaarii biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf damee nageenyaa, Daldalaa, diinagdee, bu’uuraalee misoomaa fi Investimantiirratti Sudaan Kibbaa waliin xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Dooktar Nagariin ibsaniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Sudaan Kibbaa Jeemsi Piitaa gama isaaniin Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa hariiroo gaarii bara dheeraa qabaachuu eeruu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni agarsiisa.
Hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.