Sudaan Ityoophiyaa waliin qindoomina uumuun humnoonni hidhate kamiiyyuu daangaa biyyoota lamaanii gidduu akka hin sochoone kan ittiftu ta’uu beeksifte

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014(FBC) – Sudaan humni hidhate kamiyyuu daangaa biyyootaa lamaanii gidduu akka hin sochoone ittisuuf Ityoophiyaa waliin tumsa cimaa kan hojjettu ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksiseera.
Dubbii Himaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan Birgaadeer Jeneraal Nabiil Abdullaah ibsa kennaniin, rakkoo daangaa Sudaanii fi Ityoophiyaa gidduu jiru hiikuu fi furmaata hatattamaa itti laachuuf hoggantoota biyyoota lamaanii walii mariin taasiifamaa jiraachuu ibsameera.
Bu’uura marii kanaan koreen teeknikaa mana maree nageenyaa fi ittisaa biyyattii walgahii kaleessa gaggeesseen Sudaan Ityoophiyaa waliin qindoomina uumuun humni hidhatee jiru kamiiyyuu daangaa biyyoota lamaanii gidduutti akka hin sochoone ittisuuf murteessuu himameera.
Daangaan Gelabat Sudaanii fi Ityoophiyaa karaa Matammaa walqunnamsiisu cufamee ture akka banamuuf murtaa’uu eerameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment