Sudaan, Hidha Haaromsaarratti ejjennoon kiyya fayyadamtummaa haqa qabeessa jette

Finfinnee,Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Sudaan, Hidha Haaromsaarratti ejjennoon kiyya itti fayyadama bishaanii haqa qabeessarratti kan hundaa’edha jette.
 
Ministirri Ministeera Qabeenya Jallisii fi Bishaanii Sudaan Proofeesar Yaasar Abbaas fayyadamtummaan haqa qabeessa ta’e ejjennoo keenya jedhaniiru.
 
Sudaan ijaarsi hidhichaa ege jalqabamee eegalee akkaataa seera bishaanii sadarkaa idil addunyaa eeggateen, biyyoota kaan bifa hin miinen, fayyadamtummaa haqa qabeessa mirkaneessuun akka hojiirra oolu hojjechaa turteetti jedhan.
 
Marii Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibst viidiyoodhan guyyoota 7f gaggeessan ilaalchisuun ibsa laataniin, garaagarteewwan furamanii, fayyadamtummaan haqa qabeessa ta’e hojiirra akka oolu Sudaan ejjennoo isheetis jedhaniiru.
 
Ityoophiyaan mirga bishaanii fi elektiriika madduun fayyadamuu akka qabdus ministirichi ibsaniiru.
 
Qabxiilee hedduurratti waliigalteerra ga’amuu, dhimmoota muraasarratti ammoo garaagarteen jiraachuu fi marichis miira obbolummaadhan guutameen gaggeeffamuu ibsaniiru.
 
Dhimmoota teeknikaarratti %90 – 95 waliigalamuu, dhimmoonni teeknikaa guutinsa bishaanitiin booda jiran baay’ee kan wal nama dhabsiisanii fi rakkisoo ta’anii mitis jedhan.
 
Dhimmoota hafanis waliigaltee fi walamantaadhan furuun akka barbaachisu eeraniiru.
 
Guutinsaa fi gadi lakkisa bishaanii waggaarratti kaleessa mari’atamuun ni yaadatama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment