Sudaan ajjeechaa sanbataan booda loltoota dabalataa Daarfuuriitti ergufi

Finfinnee, Adoolessa 20, 2012 (FBC) – Sudaan Sanbata darbee halleelaa taasifameen lubbuun namoota 60 erga darbe booda, loltoota dabalataa Daarfuriitti akka erguuf jirtu beeksiifte.

 

 

Muummeen Ministira biyyattii Abdallaa Haamdok akka jedhaniitti looltoonni waqtii qonnaatti ummatta eegu.

 

Guyyaa Sanbataa hidhattoonni eenyummaansaanii hinbaramnee naannichatti namoota 60, isaan dura ammoo namoota 20 ajjeesuu isaanii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) beeksiise.

 

Mandaroonni hedduunis kan gubatan yoo ta’u, gabaa fi suqiiwwan hatamuu Waajjirra UN’tti Qindeessaan Dhimmoota Namoomaa (OCHA)n hime.

 

‘‘Godina Daarfuuriitti walitti bu’insi dabalaa dhufuunsaa buqqa’insi dabaluun, waqtiin qonnaa akka jala darbuu taasisa. Akkasumas lubbuu balleessuun alattis, fedhiin deeggarsa namoomaa akka dabalu taasisa,’’ jedheera ibsa isaatiin.

 

Haleellaa raawwatameef gareen hanga ammaatti itti gaafatamummaa fudhate hinjiru.

 

Daarfuur waraana riphee loltootaa fi humnooti Pirezidaantii Sudaan duraanii Omaar al-Bashiiriif amanamoo ta’an jidduutti waggoota 20 oliif taasifameen barbadooftee jirti.

 

UN akka jedhuttis sababiidhuma kanaatiin namoonni gara 300,000 ta’anii du’uun kanneen miliyoona lama ta’an ammo bakka jireenyaa isaaniirra buqqa’aniiru.

 

Pirezidaantiin biyyattii duraan Omaar al- Bashiriis Mana murtii Yakka Idi-addunyaa (ICC)n naannichatti yakka duguggaa sanyii raawwachuun himatamaa jiru.

 

Torban darbees maanguddoon waggaa 76 kun himannaa fonqolcha bara 1989 kan aangootti isaan fideen walqabatee, magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum keessatti dhaddachatti dhiyaatanii turan.

 

Yoo yakkicha raawwachuun irratti mirkanaa’ees murteen du’aa irratti darbuu danda’a. Kana malees al-Bashir malaammaltummaan himatamaniiru.

 

Maddi:- BBC

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment