Sosochiin Ityoophiyaan haa oomishtuu jijjiiramoota hedduu fideera- Ministeera Indaastirii

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015(FBC)- Sosochiin Ityoophiyaan haa oomishtuu jijjiiramoota hedduu fiduu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal ibsan.

Waltajjiin marii “Adeemsa Sochichaafi Gahee Qaamolee Dhimmatootaa” jedhu gaggeeffamaa jira.

Obbo Malaakuun waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, sosochiin Ityoophiyaan haa oomishtuu guyyaa eegalerraa kaasee jijjiiramoonni galmaa’uu eeraniiru.

Dhiibbaawwan idil addunyaafi biyya keessaa damicha mudatan dandamachuun indaastiriiwwan gara hojiitti akka seenan taasisuuniifi carraa hojii uumuun bu’aan galmaa’uu kaasaniiru.

Haa ta’u malee ammas taanaan damichaan qindoominaafi itti gaafatamummaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Hayimaanot Wandiraadtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment