Sosochiin ‘Ityoophiyaan Haa Oomishtuu’ damee Indaastirii omishaalee dadammaqseera jedhame

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)- Sosochiin ‘Ityoophiyaan Haa Oomishtuu’ damee Indaastirii omishaalee keessatti dadammaqina uumuun warshaalee hojii dhabanii turan gara hojiittii kan deebise ta’uun ibsame.

Ministeerri Indaastirii, Biiroolee Indaastirii Naannoolee fi Bulchiinsaa Magaaloota waliin hojiilee baatiiwwan saglan darban hojjetaman Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigatti gamaaggamaa jira.

Gamaaggamicharratti Pireezidaantii Naannoo Somaalee Obbo Musxaafee Mahammaad, Ministira Indaastirii Obbo Malaakuu Allibalii fi Qondaaltonni Olaanoo Naannoolee fi Bulchiinsa Magaaloota argamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment