Sosochiin gootootaa kan ummata gurraacha hundaa ta’uu qaba – Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Sosochiin gootootaa kan waraana Ityoophiyaarratti banamee qofa osoon hin taane kan ummata gurraachaa hundaa ta’uu qaba jedhan Waajjira Muummee Ministiraatti Qindeessaan Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Dooktar Biqilaa Hurrisaan.
Waraanni biyyoonni lixaa garee shororkeessaa ABUT waliin Ityoophiyaarraatti banan waraana kolonii harka wayyaa jalaati jedhan.
Lammiileen Ityoophiyaa biyya isaanii baraaruuf sosochiin gootootaa murteessaa ta’uu eeraniiru.
Sochichi garuu kan Ityoophiyaa qofa osoo hin taane kan ummattoota gurraacha hundaa ta’uu qaban jedhan.
Ummattoonni guraachaa kolonii fudhachuu diduun Afuura Paan Afrikaanizimiin Ityoophiyaa waliin akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.
Kan Ityoophiyaa jaalatu, gurbummaa fi kolonii harka wayyaa jalaa kan jibbu hundi waamicha Muummee Ministiraa Fudhachuun gara adda waraanaatti duuluu akka qabu gaafataniiru.
Maddi:-TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment