Sosochiin akka isin tajaajjilluuf haguuggii fuula fayyadamaa naannoo Hararii fi Afaaritti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 4, 2013 (FBC) – Sosochiin akka isin tajaajilluuf haguuggii fuulaa fayyadamaa naannolee Hararii fi Afaaritti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biirooleen Eeggumsa Fayyaa naannolee kanneenii ibsan.

Akka Biirooleen lameen Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himanitti hawaasa vaayrasii kooroonaaf saaxilamoo ta’an adda baasuun hojii bal’aan hojjetamaa jira.

Weeraricha ittisuuf hojmaanni hanga gandaatti diriirfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhiibbaa hawaasummaa vaayrasichi dhaqqabsiisu hir’isuuf sosochiin haguuggii fuulaa sadarkaa biyyaatti eegalameera.

Mootummaan naannoo Hararii sosochii kana hojiitti hiikuuf of eegannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu hogganaan Biiroo Fayyaa naannichaa obbo Ibsaa Ibrahiim himaniiru.

Duula sosochii kanaaf karoora baatii shaniif turu qopheessuun sadarkaa kaabineetti koreen hundaa’ee hojiin eegalamuu eeraniiru.

Naannichatti hanga ammaatti namoota kuma 2 fi 800 vaayrasichaan qabaman keessaa lubbuun namoota 60 darbeera.

Naannoo Afaaritti ammoo namoota kuma 1 fi 800 vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni 6 lubbuun darbuu ibsameera.

Sosochii haguuggii fuulaa godhadhaan jijiirrama bu’uraa fiduuf hojjetamaa jiraachuu himameera.

Sosochichin erga eegalamee jijjiirramni muul’achaa jiraachuu itti aanaa hogganaan Biiroo Fayyaa naannoo Afaar obbo Yaasiin Habiib eeraniiru.

Iddoolee tajaajilli ummataa itti heddumatuu fi sosochiin hawaasaa baay’atuutti xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Koreen preezdaantii naannichaan durfamu hundaa’e hojiitti galuu ibsaniiru.

Dargaggoonni 500 ol hojii kanarratti bobba’uu eeraniiru.

Naannolee lamaaniitti Sosochii kana milkeessuuf hojiileen hedduuun hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.i

Comments (0)
Add Comment