Sosochii Ityoophiyaan haa Oomishtuun bu’aa qabatamaan argame – Obbo Malaakuu Allebal

Finfinnee, Amajjii 13, 2015 (FBC) – Baatiwwan 6’n darban Sosochii Ityoophiyaan haa Oomishtuun bu’aa jajjabeessan argamuu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal ibsan.

Ministeerich raawwii hojii baatiwwan 6’n darbanii magaalaa Goondaritti gamaaggamaa jira.

Sosochiin Ityoophiyaan haa Oomishtuu baatiwwan 6’n darban keessa gama misooma Invastimantiin hojjetame bu’aa qabeessa ta’uu Obbo Malaakuun eeraniiru.

Sosochii kanaan Daldala Alaa gara Doolaara miiliyoona 12tti ol guddisuun danda’amuu kaasaniiru.

Dhiibbaa Agoowaa dandamachuuf Oomishaalee Haaraa 6 Doolaara miiliyoona 194 baasaan gara gabaa alaatti erguun danda’amuu dubbataniiru.

Indaastiriiwwan naannoo Tigraay sababa waraanaan miidhaman gara hojiitti galchuuf qorannoo xumuramuu eeruun, qornichis yeroo dhiyootti ni ifooma jedhan.

Minaale Ayyanawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment