Sooriyaan qoqqoobbiin biyyoota Lixaan irra kaa’ame akka ka’uuf gaafatte

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC) – Biyyoonni Lixaa Qoqqoobbii Sooriyaarra kaa’aan akka kaasaan Af Yaa’iin Paarlaamaa Sooriyaa Hamuuddaa Saabbaahii gaafataniiru.
 
Saabbaahiin jila Paarlaamaa Awurooppaa Tiiyyuurii Maariiyaaniin durfamu waliin mari’ataniiru.
 
Deeggarsa Faransaay Sooriyaaf taasiifte kan dinqisiifatan ta’uu jilichaaf ibsaniiru.
 
Yaa ta’uutii qoqqoobbiin biyyoonni Lixaa meeshaaleen Yaalaa fi kanneen biroo gara Sooriyaa akka hin galle kaa’an damee Fayyarraatti dhiibbaa olaanaa uumuu eeraniiru.
 
Kaayyoon daawwannichaa haala qabatamaa fi dhiibbaa qoqqoobbiin qaqqabsiise hubachuuf ta’uu Maariyaaniin ibsaniiru.
 
Gamtaan Awurooppaa ejjennoo Sooriyaarratti qabate jijjiiruun barbaachisaa ta’uu himuu isaanii Shiinwaan tajaajila oduu biyyattii wabeeffachuun gabaaseera.
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment