Soomaaliyaan weerara awwaannisaa ittisuuf labsii yeroo ariifachiisaa labsite

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) –Soomaaliyaan weerara awwaannisaa Afrikaa bahaa keessatti mudate ittisuuf labsii yeroo ariifachiisaa labsite.

Weerarri awwaannisaa Ityoophiyaa dabalatee Afrikaa bahaatti mudate oomishaaleerratti miidhaa qaqqabsiisaa jira.

Somaaliyaan biyyoota weerarri kun isaan mudate keessaa biyya yeroo jalqabaaf labsii yeroo ariifachiisaa biyyoolessaa labsitedha.

Ministirri Ministeera Qonnaa biyyattii miidhaan weerarri awwaannisaa oomishaalee irratti qaqqabsiisuu wabii nyaataa Soomaliyaaf yaaddoo guddaadha jechuun ibseera.

Wayita ammaa kana Soomaaliyaatti awwaannisicha balleessuuf xiyyaaraan keemikaalli bifaamaa jiraachuun himameera.

Weerara awwaannisichaa baatii Ebila; waayita oomishni hin sassaabamin dura to’achuun akka hin danda’amne sodaa ta’eera.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Somaaliyaa fi Itoophiyaa waggoota 25 asittii weerarri awwaannisaa hamaan isaan mudateeran ibseera.

Gama biraatin ammoo Keeniyaan waggoota 70 keessatti weerarri awwaannisaa akka baranaa akka ishee hin mudatin Dhaabbanni Nyaataa Adduunya beeksiseera.

Dhaabbanni kunis weerara awwaannisaa kana to’achuun yoo hin danda’amne, baatii Waxabajjii keessa ammeentaan isaa %500 dabaluu akka danda’u akeekkachiisera.

Maddi:-BBC

Comments (0)
Add Comment