Soomaaliyaan dhimma Hidha Haaromsaarratti ejjennoo Ityoophiyaa kan deeggartu ta’uu beeksiste

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Soomaaliyaan dhimma Hidha Haaromsaarratti ejjennoo Ityoophiyaa kan deeggartu ta’uu beeksiste.
 
Ityoophiyaatti ambaasaaddarri Soomaaliyaa Abdiihakiim Abdullaahii Omar turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin akka beeksisanitti dhimma hidhichaarratti biyyi isaaniis ta’e isaan ejjennoo Ityoophiyaa ni deeggaru.
 
Proojaktiin Hidha Haaromsaa proojaktii naga qabeessa, faayidaa biyya kamiituu hin miinedha jedhan.
 
Hidhichi abdii hiyyummaa fi dukkana keessaa ba’uu Ityoophiyaa qofaa osoo hin taane, kan Afrikaanotaa maraati jedhan.
 
Xumuramuun proojaktichaa hidhata diinagdee fi hawaasummaa naannoo Gaanfa Afrikaatis ni cimsa jedhan.
 
Guutinsi bishaanii Adoolessa eegalamu faayidaa biyya kamiituu hin miidhu; yeroosaa kan eeggatedhas jedhan.
 
Ityoophiyaan mirga qabeenya uumamaasheetti guutummaan fayyadamuu akka qabdu Soomaaliyaan ni amantis jedhaniiru.
 
Yaada Gibtsii fi Liigiin Arabaa dhiyeessan Soomaaliyaan fudhachuu kan dhabdes sanaafi jedhaniiru ambaasaaddarichi.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment