Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Sooftiweeriin bulchiinsa ragaa Manneenii har’a ifatti eebbifameera.
Sooftiweerichi hanqina qabiinsaa fi bulchiinsa ragaa manneenii sadarkaa biyyaatti muul’atu furuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.
Hojmaata badaa damichaan akka biyyaatti muul’atu ittisuuf qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Misooma Manneenii fi Konistiraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammad dubbataniiru.
Sadarkaa biyyatti waldubbisuun hojechuu fi murtoo laachuuf qooda qaba jedhan.
Hogganttoonni naannolees sooftiweericha hojiitti hiikuun rakkoo bulchiinsa gaarii damichaan muul’atu hiikuuf ga’ee guddaa qabaachuu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Misooma Manneenii fi Konistiraakshiniirraa argame ni muul’isa.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.