Sona Fiichee Cambalaalaa Ijaarsa Biyyaaf fayyadamuu qabna-Obbo Dastaa Leeddamoo

Finfinnee, Bitootessa 28, 2016 (FBC)- Sona Fiichee Cambalaalaa ijaarsa biyyaaf fayyadamuu qabna jechuun Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Dastaa Leeddamoon ibsan.

Ayyaanni “Fiichee Camabalaan” Magaalaa Hawaasaa Guddumaalleetti sirnoota garaagaraan kabajameera.

Sirnicharratti Obbo Dastaa Leeddaamoon akka ibsanitti, Fiichee Cambalaalaan waaqaa fi nama waliin araaraa buusuudha.

Ayyaanichi walirraa fagaachuu fi adda ba’uu kan balaaleffatuudha jedhanii, dhalli namaa hundi nageenya mirkaneessuun duudhaa murteessaa ta’uu himaniiru.

Ayyaanichi eenyummaa Ummata Sidaamaa calaqqisiisuun faayidaa tuuriizimii akka qabu ibsaniiru.

Kanaaf sona “Fiichee Cambalaalaa” ijaarsa biyyaaf fayyadamuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Qajeelaa Mardaasaan gama isaaniin, ummataa Itiyoophiyaa maraan baga ayyaana jijjiirraa baraa haaraa Ummata Sidaamaa Fiichee Cambalalaa geessan jedhaniiru.

Gaaffiin walqixxummaa Ummata Sidaamaa deebi’ee, ofiin of bulchuu wayita eegaletti Fiichee Cambalaalaan kabajamuun addaa taasisa jedhan.

Fiichee Cambalalaan sonaa dhala nama fayyadan kan qabu ta’uu kan eeran Obbo Qajeelaan, hayyoonni sonni ayyaanichaa akka dhalootatti darbuuf gumaachan galateeffamuu qabu jedhaniiru.

Sona aadaa ayyaanichaa, nageenya, walooma, obbolummaa fa’aan ijaarsa biyyaaf faayidaa olaanaa akka qaban dubbataniiru.

Ayyaanichi dhala namaa qofaaf utuu hintaane qabeenya umamaaf xiyyeeffannaa kan kennu ta’uus ibsaniiru.

Sona aadaa fi seenaa isaa eeggatee dhaloota ittaanutti akka ce’u hunduu itti gaafatama isaa bahachuu akka qabu ibsaniiru.

Ministeerri Aadaa fi Ispoortiis ayyaanicha qorachiisuun maxxansiisuu eeranii, sonaa Fiichee Cambalaalaa hojiirra oolchuu fi qixa sirriin fayadamuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Ayyaanichi guyyoottan 15’n dhufan itti fufee kan kabajamu ta’uun eerameera.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment