Sona Buna Itiyoophiyaarraatti dabaluuf dhaabbata Xaaliyaanii ‘Ilii Kaaffee’ waliin waliigalteen taasifame

Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC)- Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa Bunarratti sona dabaluuf waliigaltee dandeessisu dhaabbata Xaaliyaanii ‘Ilii Kaaffee’ waliin mallateesse.

Dhaabbanni Xaaliyaanii sadarkaa qulqullinaa buna Itiyoophiyaa guddisuuf leenjii kennuuf waliigalteerra ga’uun ibsameera.

Haaluma kanaan qulqullina bunaa eegsisuuf giddugala leenjii Finfinneetti argamutti leenjii akka kennu eerameera.

Leenjichis oyiruu bunaarraa eegalee hanga fayyadamtoota bira qaqqabutti adeemsa jiru kan hammate ta’uun ibsameera.

Giddugalli leenji bunaa kunis, shariikummaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa, Eejensii Walta’iinsa Misoomaa Xaaliyaanii (AICS), Dhaabbata Misooma Indaastirii Dhaabata Mootummoota Gamtoomanii (UNIDO), Faawundeeshinii Alii Ernestooniin akka dhugoomu barruun “Coffee Geography” gabaaseera.

Giddugalli leenjichaa, sadarkaa daldala alaa bunaa kan guutuu fi bunaa sadarkaa qulqullinaa idil addunyaa eeggate argachuuf ogeeyyii ga’umsa qaban horachuuf kan hojjetamu ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment