Somaaliyaatti haleellaa Alshabaab raawwateen gaddi itti dhagahamuu mootummaan ibse

Finfinnee, Guraandhala 6, 2016 (FBC)- Somaaliyaatti haleellaa Alshabaab raawwateen gaddi itti dhagahamuu Mootummaan Itiyoophiyaa ibse.
 
Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen, shoroorkeessaan Alshabaab haleellaa Somaaliyaarratti raawwateen Mootummaan Itiyoophiyaa gadduu ibsan.
 
Ambaasaaddar Taayyee, gareen shoroorkeessaa Alshabaab haleellaa raawwateen lubbuu namoota darbee fi miidhaa qaamaa qaqqabeen ummanni fi Mootummaan Itiyoophiyaa gaddu himaniiru.
 
Haleellichi, nageenyaa Somaaliyaa fi Gaanfa Afrikaaf balaa ta’uu ibsuun biyyoonni naannawichaa walta’iinsa garee shorkeessichaarratti taasisan cimsuu akka qaban kan akeekudha jechuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.
 
Nageeyaa fi tasgabbii Somaaliyaa waloon mirjkaneessuuf Itiyoophiyaan tumsa taasiftu kutannoon kan itti fuftu ta’uu dubbataniiru.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment