Somaaliyaatti Filannoon Preezdaantummaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 7, 2014 (FBC) – Somaaliyaatti Filannoon Preezdaantummaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Filannichaaf Preezdaantii biyyattii Mahaammad Abdullaahii Faarmaajoo dabalatee kaadhimamtoonni 39 dhiyaachuu himameera.

Sodaa nageenyaan wal qabatee magaalaa Moqaadishootti hanga guyyaa boruu sa’aatii 12:00tti sosochiin namaa fi tiraafikaa daangeeffamuu himameera.

Sababa sodaa nageenyaan filannichi Buufata Xiyaaraa Hangaar keessatti gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Filannoon Preezdaantummaa Somaaliyaa sababoota garaagaraan waggoota lamaaf dheerachuun isaa kan yaadatamuudha.

Miseensonni manneen maree bakka bu’oota uummataa 329 qofti preezdaantii biyyattii waggoota arfan dhufaniif tajaajilu filachaa jiru jedhame.

Dorgomtoota keessa preezdaantii duraanii Shaariif Sheek Ahimad fi Muummeen Ministiraa duraanii Haasan Sheek Mohaammad Ali Kheyre isaan tokko ta’uu eerameera

Akkasumas Ministirri Ministeera Dhimma Alaa biyyattii duraanii Faawziyaa Yusuuf Adaam, kaadhimamtuu dubartii qofaatti dhiyaatte ta’uu himameera.

Maddi:- BBC

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment