Somaaliyaan Shaamiyoonaa seekaafaa umrii waggaa 17 gadii taate

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2015 (FBC) – Tapha xumuraa har’a gaggeeffameen Somaaliyaan Sudaan Kibbaa goolii 3 fi 1n injifachuu Shaamiyoonaa seekaafaa umrii waggaa 17 gadii bara 2022 taateerti.

Taphoota sadarkaa Waancaa Afrikaa Bahaa fi giddu galeessaa umrii waggaa 17 gadii qopheessummaa Ityoophiyaan gaggeeffamaa tureen Taanzaaniyaan Ugaandaa rukkuttaa adda bahiinsaan 4 fi 1n injifachuun sadarkaa 3ffaan xumurteerti.

Dorgommichaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaan kan xumuran Somaaliyaa fi Sudaan Kibbaa tapha Waancaa Afrikaa umrii waggaa 17 gadii qopheessuun Aljeeriyaan baatii Bitootessaa gaggeeffamurratti ni hirmaatu jedhame.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment