Finfinnee, Mudde 26, 2015 (FBC)- Somaaliyaan Ityoophiyaa waliin hariiroo michummaa tarsiimawaa qabdu cimsitee itti fufti jechuun Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Maahmuud ibsan.
Yeroo hojii isaanii kan xumuraan Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Abdulfattaa Abdullaahii Hasan Waajjira Pireezidaantii Somaaliyaatti argamuun xalayaa xumura yeroo hojii isaanii Pireezidaantii biyyattiif dhiyeessaniiru.
Pireezidaanti Hasan Sheek Maahmuud akka jedhanitti, biyyi isaanii Ityoophiyaa waliin walta’iinsi waloo fi gama hedduu qabdu cimee itti fufa.
Ityoophiyaan duula farra shororkeessummaan deeggarsa Somaaliyaaf taasifteef galateeffatanii, Ityoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawichaaf gahee murteessa bahachaa jiraachuu eeraniiru.
Ambaasaaddar Abdulfattaa Abdullaahii Hasan gama isaaniin, turtii isaanii keessatti deeggarsa taasifameef galateeffachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaaraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.