Somaaliilaandi filannoo Pireezidaantummaan booda

Finfinnee, Sadaasa 5, 2017 (FBC) –Guyyaa kaleessaa filannoo Pireezidaantummaa gaggeessaa kan oolte Somaaliilaandi har’a gara sochii idileetti deebi’uu ibsameera.

Biyyattiitti guyyaa kaleessaa sosochiin dhaabbilee Daldalaa fi kanneen akka socho’an eeyyamameefiin ala tajaajilli geejjibaa cufamee oole jedhame.

Har’a hundi hojii idilee eegaluu eerameera.

Ummanni Somaaliilaandi bu’aa sagalee isaanii eeggataa kan jiran yoo ta’u, sagaleen ummataa lakkaawwwamaa jira jedhameera.

Adeemsi sagalee kennuu karaa nagaan xumurameera.

Filannichi haqa qabeessa turuu miidiyaaleen gabaasaniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment