Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC)- Naannoo Somaaleetti Warshaan Daakuu fi Daabboo Waajjira Giifti Dureen ijaaramaa jiru daawwatameera.
Daawwannicharratti Itti Aanaan Pireezidaantii Naannoo Somaalee Obbo Ibraahim Usmaan dabalatee, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Somaalee Obbo Mohaammad Shaalee fi qondaaltonni biroon argamaniiru.
Warshichi Magaalaa Jigjigaatti lafa heektaara kuma tokko irratti ijaaramaa jirachuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Waajjirri Giiftii Duree Warshaa Daakuu fi Daabboo magaalota 10’tti ijaarsisaa jiru keessaa kan Magaalaa Jigjigaatti ijaaramaa jiru tokko yoo ta’u, warshichi baasii Birrii miiliyoona 100’n hojjetamaa jira jedhameera.
Warshichi gutummaatti wayita xumuramu guyyaatti daakuu qamadii kuntaalaa kuma 420 fi daabboo kuma 300 ni oomisha jedhameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.