Somaaleetti damee qonnaa fi bu’uuraalee misoomaan hojiileen bu’aa qabeeyyiin hojjetamaa jiru-Dooktar Abiy

Finfinnee, Guraandhala 4, 2016 (FBC)- Naannoo Somaaleetti damee qonnaa fi bu’uuraalee misoomaan hojiileen bu’aa qabeessaa ta’an hojjetamaa jiraachuu Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Ahimad Naannoo Somaalee Godina Shabaleetti hojiilee qonna jallisiin hojjetamaa jiranii fi bu’uuraleen misoomaa daawwatamaniiru.

Daawwannicharrattis ergaa dabarsaniin naannichatti dameewwan qonnaa fi bu’uuraalee misoomaan hojiileen bu’aa qabeeyyii ta’an hojjetamuu himan.

Naannichatti lafti qonnaaf ooluu danda’uu hektaarri miiliyoonaa 10 jiraachuu eeranii, kana keessaa %25 kan ta’u jallisiin misoomuu akka danda’uu dubbataniiru.

Godina Shabalee Aanaa Ber’aannootti lafti qonnaan bultootaa fi abbootii qabeenyaan misooman agarsiistuu kanaa ta’uu eeraniiru.

Naannichi qabeenya lafaa jiru sirnaan fayyadamuun adeemsa wabii nyaataan of danda’uu saffisiisuu akka qabus hubachiisan.

Gama bu’uuraalee misoomaanis yeroo ammaa mootummaa federaalaa fi naannichaan daandiin asfaaltii kiiloo meetira kuma 2 gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Kana keessaa daandiin kiiloo meetira 700-800 xumuramuun tajaajila kennuu eegaluu akeekan.

Buufanni Xiyyaaraa Ugaaz Miraadi Magaalaa Godeetti eebbifames qulqullinaa fooyya’aan ijaaramuu kaasaniiru.

Pirojektoonni ijaaraman hojjenneerra jechuuf utuu hintaane, sadarkaa yeroon ammaa barbaaduu kan gituu fi dhalootatti kan darbu ta’uu akka qabus hubachiisaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment