Sokorruutti meeshaan seeraan alaa to’atame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2012 (FBC) – Godina Jimmaa aanaa Sokorruutti meeshaan waraanaa seeraan alaa osoo daddabarfamaa jiruu to’atameera

Meeshaaleen to’ataman kanneen shugguxii 60 fi rasaasni shugguxii 1000 to’atamuu ajajaan poolisii aanichaa Saajiin Olaanaa Ababaaw Muluqan himaniiru.

Meeshichi guyyaa kaleessaa Finfinneerraa gara magaalaa Jimmaatti osoo dabarfamaa jiruu kan to’atame ta’uu saajin Ababaaw himaniiru.

Yaakkichaan kan shakkaman konkolaachiftoonni lama to’annoo seeraa jala oluun qorannoon irratti taasifamaa jiraachuu ragaan Waajjira Dhimmoota Koominikeeshinii Magaalaa Jimmaarraa arganne ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment