Sochiin paarkiiwwan indastirii laafee ture sadarkaa fooyya’aatti dhufaa jira-Koorporeeshinicha

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC)- Sochiin paarkiiwwan indastirii laafee ture sadarkaa fooyya’aatti dhufaa jiraachuu Koorporeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii ibse.

Hoji Gaggeessaan Koorporeeshinichaa Obbo Akiliiluu Taaddasaa hoggantoota koorporeeshinichaa fi ogeeyyii miidiyaa waliin sochii hojii Paarkii Indaastirii Hawaasaa daawwataniiru.

Ityoophiyaan erga Naannawaa Daldala Walabaa Ameerikaa (AGOWA) keessaa baatee,
filamaatawwan gabaa biroo barbaaduun laafee kan ture sochiin paarkiiwwwan indaastirii Ityoophiyaa yeroo ammaa sadarkaa fooyya’aaarraa jiraachuu dubbataniiru.

Ga’umsi omishtootaa fooyya’aa jirus oomishaalee indastirii gabaa AGOWA’rratti hirkatee ture gara Awurooppaa fi Biyyoota Baha giddugaleessaatti babal’isuun akka danda’ame eeran.

Kunis oomishaalee Ityoophiyaa naannawaa murtaa’aa qofaatti kan gurguramaa turan bal’inaan akka gurguraman carraa uumeera jedhan.

Ammas invastimantii gara Ityoophiyaatti harkisuun filmaatawwan jiran hedduu babal’isuuf tattaaffii taasiftu cimsitee itti fufti jedhaniiru.

Xilaahuun Yilmaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment