Sochiin misooma godinichaa jijjiirama guddaa akka dhugoomsu jalqabbii jirurraa hubanneerra-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 28, 2016 (FBC)- Sochiin misoomaa godina Gujii qixa barbaadamuun hogganamnaan jijjiirama guddaa kan dhugoomsu ta’uu jalqabbii hanga ammaa irraa hubachuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo oromiyaa Ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin daawwannaa hojiilee misoomaa Kibba Oromiyaatti taasisaa jirru ittifufuun sochii misooma Godina Gujii daawewachuu himan.

“Gujiin Woyyuu, Waaqatu woyyoonse; warra sirna Gadaa, lafa irraaf jalli warqee; qe’ee nagaafi ulfoo. Ummanni Godina Gujii warra Gadaan bulu qofa osoo hintaane ummata hanga har’aatti wabii sirna Oromoo yabbuu kanaati. Gujiin wiirtuu tokkummaa fi giddugala aadaa sabaa lallabee moggasuu fi haaromsee seera raggasisuudha” jedhan.

Daawwannaa taasisaniin Godina Gujii Aanaalee Adoolaa Reeddee, Ardaa Jilaa, Booree akkasumas Bulchiinsa Magaalaa Adoolaa Waayyuutti hojiilee inisheetiivoota qonna Boqqoolloo, Bunaa, Ruuzii, Dammaafi horsiisa loonii akkasumas pirojektoota garaagaraa daawwachuu ibsan.

Sochiin misoomaa godinichaa qixa barbaadamuun hogganamnaan jijjiirama guddaa kan dhugoomsu ta’uu jalqabbii hanga ammaa irraa hubachuus kaasan.

Inisheetivii bunaatiin waggoota shanan darban uwwisa misooma bunaa dachaan dabaluun akka danda’em ibsanii, bara 2016’tti godinaalee Gujii lamaanitti qofa biqiltuu bunaa miiliyoona 120 ol qopheessuun dhaabbii sadarkaa goolabaarratti akka argamu dubbatan.

Inisheetivii bunaatiin milkaa’ina gama uwwisaa fi omishaatiin argame qulqullina irratti dabaluu akkasumas, gama qonna boqqoollootiin oomishtummaa irratti hojjechuu akka barbaachisu yaadachiisaniiru.

Gama inisheetivii beeyladaatiin galmoota afran jechuunis mala namaatiin diqaalomsuu, nyaata beeyladaa bal’inaan omishuu, fayyaa beeyladaa eeguu fi walitti hidhamiinsa gabaa akkasumas inisheetivii dammaatiin dhiyeessii gaagura ammayyaa irratti hojii bal’dhaa raawwachuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment