Sochiin invastimantiiwwan Magaalaa Shaggar daawwatame

Finfinnee, Sadaasa 7, 2016 (FBC)- Jilli Kantibaa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan durfamu sochii invastimantii magaalichaa daawwateera.

Daawwannicharratti sochiin invastimantii Magaalaa Shaggar dabalaa jiraachuu fi carraaleen hojii lammiilee hedduuf uumamaa jiraachuu Dooktar Tashoomaan himaaniru.

Carraalee invastimantii Magaalaa Shaggar daran cimsuun carraa hojii babal’isuuf kan gargaaru waan ta’eef qulqullinaa fi baayinaan hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Omishaalee biyya alaatii galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuun sharafa alaa hambisuuf kan gargaaru ta’uus kaasaniiru

Daawwannichi abbootii qabeenyaa hojii keessa jiran jajjabeessuu fi kanneen lafa fudhatanii hojiitti hingalle rakkoo isaanii adda baasuun akka hojiitti galan taasisuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment