Sochiin indaastiriiwwan Oromiyaatti argamanii daawwatame

Finfinnee, Hagayya 1, 2016 (FBC)-Daawwannaan sochiin indaastiriiwwan maanufaakcharingii Naannoo Oromiyaatti argamanii gaggeeffameera.

Daawwannicharratti Ministir Deetaan Ministeera Indaastirii Obbo Taarraqanyi Bulultaa, Hogganaa Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Daawwannichaan hanqinaalee fi ciminoota indaastiriiwwan Naannoo Oromiyaatti argamanii adda baasuun humna guutuun akka oomishaan deeggarsaa fi hordoffii taasisuuf akka ta’e eerameera.

Dabalataan, Paarkiiwwan Industirii Naannootti argamaniitti Ce’umsi Teeknooloojii cimsuu, hanqina sharafa Alaa hiikuu, humna indaastiriiwwanii cimsuun oomisha alaa galu hambisuu, carraa hojii uumuun guddina diinagdee biyyaas ta’ee naannichaaf akka gumaachu taasisuf ta’uun ibsameera.

Daawwanichaan boodaas marii gaggeeffameen Industiriiwwaniif deeggarsi gama mootummaan taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsamuu ragaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment