Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC) – Miidhaa dubartootarra ga’u ittisuuf sagantaan sosochii haleellaa Koorniyaa dhaabsisuu Magaalaa Adaamaatti ifatti eegalameera.
Pireezidaantii FDRI Saahilawarq Zawdee dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa,naannolee fi qooda fudhattoonni biroo saganticharratti argamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
Guyyaan sosochii farra Koorniyaa Idil Addunyaa sadarkaa biyyaalessaatti yeroo 18ffaaf mata duree ‘Yoomiyyuu, eessattuu, haala kamiinuu miidhaa Koorniyaaf hin callisu’ jedhuun kabajamaa jira.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.