Sochii Vaayrasii Koroonaa ittisuu fi to’achuuf godhamu keessatti dagannaan muul’atu dhaabbachuu qaba jedhame

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) –Sochii Vaayrasii Koroonaa ittisuu fi to’achuuf godhamu keessatti dagannaan muul’atu dhaabbachuu qaba jedhame.
 
Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti hogganaan Kilaastera Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa, hojii weerara Vaayrasii Koroonaa ittisuu fi to’achuuf tattaaffii godhamu keessatti of dagannaa fi maal na dhibdeen muul’atu dhaabbachuu qaba jedhan.
 
Namoota sadan guyyaa kaleessaa vaayrasii koroonaan qabaman keessaa namoonni 2 seenaa imala biyya alaa kanneen hin qabneedha.
 
Namoonni kunneen namoota vaayrasichaan qabaman waliin illee tuttuqqaa kan hin qabne ta’anii waan argamniif haalli kun vaayrasichi hawaasa keessa tatamsa’uu eegaluu isaa hubachiisa jedhan obbo Addisuun Fuula Feesbuukii isaaniin.
 
Akka naannoo Oromiyaatti sosochii hawaasa godinaalee fi magaalota garaagaraa irratti hordoffii godhameen iddoowwan baayy’eetti fooyya’insi dhufaa akka jiru hubatamee jira jedhan.
 
Ta’us iddoowwan gabaa, tajaajila geejjibaa fi dhaabbilee amantaa tokko tokko biratti haalli jiru faallaa gorsa ogeeyyii fayyaa fi murtoo mootummaa darbuutu muul’ata jedhan obbo Addisuun.
 
Qaamoolee dagannaa fi maal nadhibdeen labsii yeroo ariifachiisaa,qajeelfamaa fi murtoo darbanii argaman irratti tarkaanfiin olaantummaa seeraa akka fudhatamu kallattiin kaa’amuu isaa obbo Addisuun dubbataniiru.
 
Gorsa ogeeyyii fayyaa fi murtoo mootummaan tatamsa’ina vaayrasichaa to’achuuf dabarse kabajuu fi of eeggannoo cimsuun hundarraa eeggama jedhan obbo Addisuu Araggaa ergaa Fuula Feesbuukii isaaniratti barreessaniin.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment