Sochii Turizimii naannoo Tigraay dadammaksuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 9, 2015 (FBC) – Sochii Turizimii naannoo Tigraay dadammaksuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Bulchiinsa Yeroo naannichaa beeksiseera.

Sababa walitti bu’iinsaan damee daraan miidhame keessaa Turizimiin isa tokko ta’uu Ogeessii Hariiroo Ummataa biirichaa Obbo Abbaadii Dastaan ibsaniiru.

Sochiin Turizimii naannichaa sababa waraanaan guutumaan guutuutti adda citee turuu himaniiru.

Waliigaltee Piriitooriyaan booda damicha deebisaanii ijaaruuf sochiin taasiifamaa jiraachuu Obbo Abbaadiin Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Ayyaana Ashandaa, Maariyaanaa fi Ayiniiwarii Hagayya 16 jalqabee kabajamu sababeeffachuun Sochii Damee Turizimii kakaasuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment