Siyyuum Kabbadaan leenjisaa Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa umrii waggaa 20 gadii ta’uun mudaman

Finfinnee, Fulbaana 6, 2017 (FBC) – Leenjisaa Siyyuum Kabbadaan leenjisaa Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa umrii waggaa 20 gadii ta’uun mudamuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksise.

Leenjisaa Siyyuum Kabbadaan Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa umrii waggaa 20 gadii taphoota Waancaa Afrikaa Gulaallii CAF qopheessummaa Taanzaaniyaan gaggeeffamurratti hirmaatu akka leenjisan mudamuu federeeshinichi ibseera.

Haaluma kanaan Siyyuum Kabbadaan Leenjisaa Olaanaa, Abiy Kaasahuunii fi Amsaaluu Ismale’alem ammoo gargaartoota ta’uun mudamaniiru.

Taphattoonni taphichaaf filataman har’a kan ifoomaan yoo ta’u, boruu eegale qophii kan jalqaban ta’uu ragaan federeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment