Sirreeffamtoota Seeraa kuma 3 fi 611’f dhiifamni taasifame-BAAO

Finfinnee, Hagayya 22, 2016 (FBC)- Sirreeffamtoota Seeraa kuma 3 fi 611’f dhiifamni taasifamuu Biiroon Abbaa Alangaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Biirichaa Obbo Guyyoo Waariyoo ibsa miidiyaaleef kennaniin sirreeffamtoota seeraa dhifamni taasifameef kuma 3 fi 611 keessaa 247 dubartoota ta’uu ibsaniiru.

Sirreeffamtoonni dhiifamni taasifameef yakkaan himatamanii murtii adabbii kan argatan ta’uu eeruun, yeroo turtii Mana Amala Sirreessaa keessatti gocha raawwatanitti gaabbuun amalaafi naamusa gaarii kan argisiisan ta’uu kan mirkanaa’eedha jedhaniiru.

Sirreeffamtoonni seeraa yakkoota bu’uura Heeraa Mootummaa FDRI fi Naannoo Oromiyaa keeyyata 28’n dhiifama kennisiisuu hindandeenye raawwatanii dhiifamni taasifame kan isaan hin ilaallanne ta’uun ibsameera.

Keessumaa kanneen Kontiroobaandii, bosoona Mancaasuu, daddabarsa meeshaalee waraanaa, mallaamaltummaa fi godaansa seeraan alaarratti hirmaachuun himatamanii dhifamichi hinilaallatu jedhaniiru.

Heera Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 57 lakkoofsa 3/1 bu’uureffachuun Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa sirreeffamtoota seeraa gocha yakkaatiin himatamanii murtii adabbii argatanii bulchiinsa manneen amala sirreessaa naannichaa keessatti argamaniif dhiifama kennuu akka danda’an tumameera.

Daagimaawwii Deeksisaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment