Sirnoonni waldhabdee hiikuu aadaa ijaarsa nageenya biyyaalessaaf ga’ee olaanaa qabaachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Sirnoonni waldhabdee hiikuu aadaa ijaarsa nageenya biyyaalessaaf ga’ee olaanaa kan qaban ta’uu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Sirnoota waldhabdee hiikuu aadaa mala saaynsawaa waliin walitti hidhuun haala nageenya waaraa Ityoophiyaa mirkaneessuu fi walitti dhabdee hiikuun danda’amurratti leenjiin kennamaa jiraachuu ibsameera.

Akka biyyaatti karaa aadaa sirnoonni waldhabdee fi walitti bu’iinsa hiikan jiraachuu Ministeerichatti Daayrektarri ijaarsa nageenyaa obbo Wandwasan Makonnin ibsaniiru.

Kennaa kana dagachuunii fi dhiibbaa alaa akka qaroominaatti fudhachuun qabeenya hawaasummaa haalaan itti fayyadamuu dhabuun akka uummataatti gatiin itti kaffalamaa jiraachuu eeraniiru.

Sirnoota karaa aadaa waldhabdee ittiin hiikan jabeessuun, waldhabdee mariin furuun sirnoota jaarsummaa fi araaraa guddisuun nageenya Ityoophiyaa amansiisaa taasisuuf ga’ee keenya ba’achuutu nurra jira jedhan.

Waltajjicharratti jaarsoliin biyyaa, abbootiin gadaa, haadholiin siinqee fi abbootiin amantaa hirmaachuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment