Sirni yaalii hojiirra oolmaa waraqaa eenyummaa biyyaaleessaa eegalame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC) – Sirni yaalii hojiirra oolmaa waraqaa eenyummaa biyyaaleessaa eegalamuu Ministeerri Nageenyaa beeksiise.
 
Hojjettoota Ministeerichaa galmeessuun ‘namni tokko nama tokko’ mata duree jedhuun sirni yaalii hojiirra oolmaa waraqaa eenyummaa biyyaaleessaa jalqabaa milkiin xumuramuu Ministeerri Nageenyaa beeksiseera.
 
Sirni kun ragaa nama dhuunfaa jechuunis maqaa guutuu, bara dhalootaa, koorniyaa, iddoo jireenyaa fi lamummaa kan hammate ta’uu ibsameera.
Akkasumas daataa Baayoomeetirikii Suuraa, Ashaaraa quba 10 fi Ashaaraa agartuu ijaa hammata jedhameera.
 
Sirni haaraan diriirfamaa jiru rakkoolee waliindhahuu muul’atui kan hambisu ta’uu himameera.
 
Dhaabbileen tajaajilaa eenyummaa tajaajilamaa haala salphaan adda baasuun tajaajila barbaachisu laachuuf ni dandeessisa jedhame.
 
Yeroo itti aanu sadarkaa biyyaatti sirnicha diriirsuuf galteewwan barbaachisan guutuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii
https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment