Sirni Yaadannoo Waggaa 1ffaa guyyaa du’a Dooktara kabajaa Artist Alii Birraa itti fufe

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2016 (FBC) – Sirni Yaadannoo Waggaa 1ffaa guyyaa du’a Dooktara kabajaa Artist Alii Birraa qophiilee adda addaan itti fufeera.

Sirna yaadannoo guyyaa har’aatiin imalli amna miilaa dhaadannoo “Laga harrii hanga Laga harreetti” jaedhuun taasifameera.

Imala amna miilaa, Haadha warraa Artiist Alii Birraa, Ilillii Birraa (Liillii Maarqoos), kantiibaa bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadiir Jawaar dabalatee, artiistoonni, hoggantoonnii fi jiraattoonni magaalitti irratti hirmaataniiru.

Waaree booda, sa’aa 12:00 irraa jalqabee, waldorgoommiin Ispoortii kubbaa Miilaa, garee artiistootaa fi qondaaltoota olaanoo Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa gidduutti gaggeeffameera.

Waldorgoommii Ispoortii aadaa Alii Birraan wallee isaatiin wallisee cimsuu kaayyeeffate kanaan, hanga ammaatti gareen Hoggantoota olaanoo Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa 4 fi 2’n garee artiistootaa dursaa jira.

Zamadkuun Mizgaanawutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment