Sirni waliigaltee walhubannaa waliin hojjechuu Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Inistiitiyuutii Qorannoo Baayladaa Idil Addunyaafi Dhaabbata Yeenyaa Farmi gidduutti taasifame

Finfinnee, Caamsaa 7, 2016 (FBC) – Sirni waliigaltee walhubannaa waliin hojjechuu Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Inistiitiyuutii Qorannoo Baayladaa Idil Adunyaafi Dhaabbata Yeenyaa Farmi gidduutti taasifameera.
Waliigalteen kun kan taasifame Waajjira Pirezedaantii mootummaa Naannoo Oromiyaatti raawwateera.
Waliigalteen kun kan taasifameef kalaqaafi qorannoo bu’uurarraa furmaata fidutti gargaaramuun jireenya namaa, beeyladaafi nageenya naannoo fooyyessuu akkasumas harka qalleeyiin diinagdee akka horatan deeggaruurratti fuulleffachuun dhaabbileen kun hojjechaa waan jiraniif hojii kana waliin hojjechuuf waliigaltee taasifame ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdulaziiz Daawudi dubbataniiru.
Dhaabbata ‘Yeenyaa Farmi’ lukkuu dhiyeessuun namoonni harka qalleeyyii diinagdee horachuu akka danda’aniif deeggarsa gochaa jiraachuu himanii, caalatti ammoo dubartootarratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira jedhan.
Inistiitiyuutiin Qorannoo Baayladootaa Idil Addunyaa nyaata barattootaaf manneen barnootaa keessatti dhiyaachaa jiru deeggaruurratti kan hojjetan ta’uu Dooktar.Abdulaziiz dubbataniiru.
Dhaabbileen kun hojiin isaan hojjechuuf walii galtee uuman kun hojiilee misoomaa naannichatti hojjetamaa jiran deeggaruu keessatti gaheen qabu guddaa ta’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment