Haalli kabaja guyyaa sabaa fi sablammootaa ni jijjiirrama – MMF

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC) – Sirni kabaja guyyaa sabaa fi sablammoota bara kanaa sababa weerara vaayrasii koroonaan haala baramerraa kan jijjiirramu ta’uu Manni Maree Federeeshinii beeksise.
 
Ayyaanichi akka kanaan duraa qopheessummaa naannoo tokkoon osoo hin taanee sagantaa ba’een Sadaasa 15, 2013 eegalee naannoleetti kan qabajamu ta’uu daayreekatrri Ijaarsa Nageenyaa fi Walitti Bu’iinsa Hiikuu Mana marichaa obbo Musxafaa Naasir ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan Sadaasa 15 naannoo Tigraay, 16 naannoo Kibbaa, 17 naannoo Sumaalee, 18 naannoo Beenishaanguul Guumz, 19 naannoo Amaaraa, 20 magaalaa Finfinnee, 21 naannoo Hararii, 22 naannoo Gaambeellaa, 23 naannoo Afaar, 24 naannoo Oromiyaa, 25 naannoo Sidaamaatti kan kabajamu ta’uu ibsameera.
 
Ayyaana tokkummaa fi walitti dhufeenya ummataa cimsuuf kaayyeffamee kabajamu kanarratti hojmaanni hawaasummaa garaagaraa rawwatamu.
 
Ityoophiyaanoonni dhiigan kan walitti hidhaman ta’uu isaanii muul’isuuf sirni dhiiga arjoomuu naannoolee gidduutti ni gaggeeffama jedhame.
 
Waltajjiiwwan marii fi agarsiifni garaagaraa kan gaggeeffamu ta’u obbo Musxafaan ibsaniiru.
 
Qaama kabaja ayyaanichaa kan ta’e xomborri naannolee hundarra ni naanna’a.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment