Sirni jalqabbii sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Sirni Jalqabbii sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaa Magaalaa Finfinnee Giddugala Biqiltuuwwanii Guullalleetti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ministiroota, Kantiibaawwan Bulchiinsa Magaalotaa, Preezdaantonni naannolee, Atileetonni fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaan akka biyyatti biqiltuuwwan biiliyoona ja’a ol dhaabuuf karoorfameera.

Muummee Ministiraa Abiy Ahimad sagantaa ashaaraa magarisaa baranaa ilaalchisuun ibsa baasanii turaniin, bara kana waliigalaan sagantaa waggoota afurii qaqqabuuf kan karoorfamee galma biqiltuuwwan biiliyoona 20 dhaabuuf qabame akka milkeessuu eeraniiru.

Muummee Ministiraa Abiy Ahimad ibsa isaaniin, jijjiirama qabeenya qilleensaan Ityoophiyaarraa dhiibbaan gahaa jiraachuu eeraniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaas, dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dhaabuuf sadarkaa biyyaalessaatti sagantaa hojiirra oolaa jiruudha jedhaniiru.

“Sanyiin har’a facaasnu boruu firii akka argamsiisuu fi dhaalootattis akka darbu shakkii hinqabnu” kan jedhan Muummeen Ministiraa, sosochii ashaaraa magariisaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dhaabuu, akkasumas, bishaanii fi faalama qileensaa hir’isuuf gahee keenya bahachaa jirra jechuun ibsaniiru.

Naannawaan gammoojjii hammi roobaa waggaan argatanii akka dabalu, akkasumas balaa lolaa fi sigigaachuu lafaa hir’isuuf jabaannee biyyaatti magariisa uwwisuu qabna jedhaniiru.

Sagantaa Ashaara Magariisaan waggaa waggaan namoonni miiliyoonatti lakkaa’aman biqiltuu dhaabuurraattii hirmaachuu bira darbee, buufataalee biqiltuu biyyattiittii bal’inaan hundeeffamanitti lammiilee kuma 183 oliif carraa hojii dhaabbii fi yeroo kan uume ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment