Sirni Jala bultii ayyaana bara haaraa Ummata Sidaamaa Fichee Cambalaalaan kabajamaa jira

Finfinnee, Eebla 11, 2015 (FBC) – Sirni Jala bultii ayyaana bara haaraa Ummata Sidaamaa Fichee Cambalaalaan kabajamaa jiraachuu ibsame.

Kabaja jala bultii kanarratti Pireezidaantii naannichaa Obbo Dassitaa Leeddaamoo dabalatee hoggantoonni mootummaa naannichaa,hoggantoonni godinaalee naannolee ollaa fi keessummoonni kabajaa argamuu ibsameera.

Guyyaa har’aa ayyaantuwwan naannichaa bara moofaaf gaggeessaa kan taasiisan ta’uu eerameera.

Nyaanni Aadaa ‘Barsaamee’ jedhamu namoota hundaaf kan laatamu yoo ta’uu, namoonni nyaata kana erga nyaatanii booda ‘Fichee Jeejjii’ jechuun eebbisaa hawwii gaarii qaban ibsatu.

Gama biroon namoonni waldhaban hundi wal araarfatu jedhame.

Kunis jibbiinsaa fi haloo waliin bara haaraatti ce’uun gaarii hin ta’u jedhamee waan yaadamuufi.

Xilahuun Yilmaa, Birihaanuu Bagaashawuu fi Tamasgeen Bulbulootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment