Sirni gaggeessaa reeffa Artisti Alii Birraa boruu raawwata

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015 (FBC)- Sirni gaggeessaa reeffa Artisti Alii Birraa guyyaa boruu kan raawwatu ta’uu Koreen Waloo Biyyaalessaa beeksise.

Sirni gaggeessaa kunis Finfinnee Addabaabayii Michummaatti kan raawwatamu ta’uu eereera.

Boruu sa’aa 2:00 irraa eegalee reeffi mana jireenyaa isaa Bishooftuurraa gara Finfinnee dhufuun sirni gaggeessaa gootaa fi kabajaa kan raawwatamuuf ta’uu korechi ibsa kenneen himeera.

Sirni awwaalchaa isaas bakka dhaloota isaa Dirree Dawaatti kan raawwatu ta’uun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment