Sirni gaa’elaa misirroota kuma 1 gaggeefame

Finfinnee, Amajjii 5, 2016 (FBC)-Sagantaa “Yeshii Gaabichaa” bara 2016’n sirni gaa’elaa misiroota kuma 1 gaggeeffameera.

Kutaalee biyyatti garaagaraarraa kan hirmaataan Karniivaalaa fi Expoon “Yeshii Gaabichaa” sirnoota garaagaraan miidhaginaan gaggeeffamuun eerameera.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaan sirnicharratti haasawaa taasisaniin, sagantaan “Yeshii Gaabichaa” bu’uura hawaasumma kan ta’e mana dhaabbachuu fi duudhaan aadaa waltajjii irratti mul’atudha jedhan.

Sagantichi jaalalleewwan hedduun sagantaa tokkoon kan sirna gaa’elaa isaanii irratti gaggeeffatan ta’uu garasitti, aadaan naannawaa garaagaraa jiru addunyaatti beeksisuuf carraa kan uumu ta’uu dubbatan.

Fuuldurattis sirna adeemsa gaa’elaa haala argisiisuun jalalleewwan cidha isaanii akka gaggeeffatan taasisuuf kan hojjetan ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment