Sirni fi seeronni karoora fuulduree hojiirra oolmaa imaammata ce’umsa haqaa qophaa’aa jiraachuun eerame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2016 (FBC)- Imaammata ce’umsa haqaa hojiirraa oolchuuf labsiidhaan dhaabbilee eeraman hundeessuuf, sirni fi seeronni bu’uuraa qophaa’aa jiraachuu Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos ibsan.

Raawwiin karoora guyyoottan 100 bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Haaluma kanaan, raawwiin guyyoottan 100 ministeericha sadarkaa irraa jiru gamaaggamameera.

Gamaaggamichaan raggaasifamuu Imaammata Ce’umsa Haqaan walqabatee mariin bal’an taasifamuu Dooktar Geediyoon ibsanii, imaammaticha qopheessuuf, qorannoowwaanii fi hirmaana olaanaan qooda fudhatootaa kan ragga’ee ta’uu hubachiisaniiru.

Imammaticha hojiiraa oolchuuf karoorri fulduraa qophaa’uu ibsuun, sirni fi seeronnii bu’uuraa dhaabbiileen imammatichaan eeraman hundeessuuf dandeessisan qophaa’uu ibsaniiru.

Damee haqaa fooyyessuuf seerotaa fi hojmaata biyyaalessaa sadarkaa federaalaa fi naannoleetti hojiirra oolanis baafamuu TOI gabaaseera.

Labsii sirna bulchiinsaa hojiirra oolchuu, sirni yakkaa ragga’e akka hojiirra ooluuf xiyyeeffannaan gaggeeffamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Tajaajila haqaa hawaasa bu’uureffatan yookaan manneen murtii aadaa ilaalchisee seeronni moodelaa qophaa’anii naannoleef ergamuu eeraniiru.

Fuuldurattis sirnoota haqaa fooyyessuun fayyadamummaa lammiilee cimsuuf tajaajila haqaarratti akka xiyyeeffatamu kaasan.

Labsi sirna bulchiinsaa, naannolee hundaatti hojiirraa oolchuu fi sirna haqaa yakkaa fooyyessuun xiyyeeffannoo fuulduree ta’uu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment