Sirni Eebbaa Paarkii Shaggar gaggeeffame

Finfinnee, Qaammee 5, 2012 (FBC) – Sirni Eebbaa Paarkii Shaggar gaggeeffame.
 
Sirni Eebbaa Paarkii Shaggar guyyaa har’aa gaggeeffameera.
 
Sirna eebbaa Parkichaarratti Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee fi Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo biroo, abbootii amantaa akkasumaas bakka buutonni hawaasaa hirmaataniiru.
 
Qaamoleen ijaarasa paarkichaarratti ga’ee olaanaa ba’atan mootummaa Chaayinaa fi qaamolee biroof beekkamtiin laatameera.
 
Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad qaamoole hojicharratti hirmaataniif galata dhiyessaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment